Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Lixa Harargee keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu akkaan babal'atee ummata gaaga'aa jira.

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurandhala 14,2009) Sirni Wayyaanee ilmaan Oromoo Oromummaan yakkee duula hidhaa geggeessu itti fufuun Godina Harargee lixaa keessatti diinummaa hammaataa mul'ifataa jira.

Onoota Harargee lixaa keessaa Oromootni badii tokkoon maleetti Oromummaa fi deggertummaa ABOn yakkamanii hidhattoota wayyaaneen mana hidhaatti guuramaa jiran. Namootni hedduun Sanbatii bookee fi Yeeyfeetti hidhamaa jiran.

Onoota Baddeessaa, Galamsoo, Daaroo Labuu, Gammachiis, Hawwii Guddinaa fi bakka biroo irraayis ilmaan Oromoo hedduun Oromummaa isaaniin yakkamanii jimlaan hidhaatti guuramaa akka jiran maddeen keenya ifa godhu.

Namni xalayaa deemsaa of harkaa hin qabnes baadiyaa fi magaalaatti yo argame akka hidhamu wayyaanotni ajaja akka dabarsan gabaafameera. Magaalaa Ciroottis kanneen jireenyi harkatti babbadee bakka dhaqaa dhabuu irraa ala bulan namoota haaraatu isin keessa jiraa baasaa jechuun dhaananii gidirsaa jiraatuutu gabaafame. Galgala sa'aa 8:00 booda namni akka hin sochoones qoqqobbiin yeroo darbee jira.

*******

Magaalaa Finfinneetti balaan ibiddaa dhalate qabeenya hedduu barbadeessuu madden keenya Finfinnee irraa gabaasan.

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurandhala 14,2009) Akka gabaasa maddeen keenyaatti Gurraandhala 06,2009 magaalaa Finfinnee bakka buufata Konkolaataa jedhamee waamamutti balaa ibiddaa ka'een qabeenyaan hedduun barbadaawee jira.

Balaa ibiddaa kanaan qabeenya barbadaawe kun maallaqa miliyoona hedduutti tilmaamamuu kan ibse oduun nu dhaqqabe kun, balaan ibiddaa kun akkamitti akka dhaqqabe garuu wanni ibsame hin jiru.

Mootummaan wayyaanee akkuma amala isaa balaa dhaqqabe kana dhaabota ykn qaamota akkasumas ummata diina kiyya jedhutti haqachuun olola rakasa irraa tolfachuu fi kanaan namoota nagaa hidhuuf akka kajeelaa jiru illee maddeen keenya kun dabaluun hubachiisaniiru.

MOA

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net